10 Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan.
16 Warri Gaad Giliʼaad keessa, Baashaanii fi gandoota daarii isheetti argaman, akkasumas lafa tikaa kan Shaaroon keessatti argaman hundaa fi qarqara isaa jiraatan.
17 Isaan kunneen hundi jabana Yootaam mootii Yihuudaa turee fi jabana Yerobiʼaam mootii Israaʼel ture keessa galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffaman.
18 Ruubeenonni, Gaadonnii fi walakkaan gosa Minaasee namoota dandeettii lolaa qaban 44,760 qaban ture; isaanis namoota jajjaboo warra gaachanaa fi goraadee qabachuu dandaʼan, warra xiyya darbachuu dandaʼanii fi warra waraanaaf leenjifaman turan. 19 Jarri kunis warra Aggaariitti, warra Yexuuritti, Naafiishiittii fi Noodaabiitti waraana ni banan. 20 Sababii isaan waraana sana irratti gara Waaqaatti iyyatanii turaniif Waaqni isaan gargaaree warra Aggaariitii fi garee isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. Innis sababii isaan isa amanataniif kadhannaa isaaniitiif deebii kenne. 21 Isaanis horii warra Aggaar gaala kuma shan, hoolaa kuma dhibba lamaa fi shantamaa fi harree kuma lama saaman. Akkasumas nama kuma dhibba tokkoo boojiʼan; 22 sababii lolli sun kan Waaqaa tureef namoonni biraa baayʼeen ni ajjeefaman. Isaanis hamma bara boojuutti biyya sana keessa ni jiraatan.
23 Walakkaan gosa Minaasee baayʼee turan; isaanis Baashaanii jalqabanii hamma Baʼaal Hermooniitti, hamma Seniir Tulluu Hermoonitti biyya sana keessa qubatan.
24 Isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti: Eefer, Yishiʼii, Eliiʼeel, Azriiʼeel, Ermiyaas, Hoodayiwaa fi Yadiiʼeel. Isaan kunneen loltoota gootota, namoota bebbeekamoo fi hangafoota maatii isaanii ti. 25 Isaan garuu Waaqa abbootii isaaniitiif amanamuu didanii waaqota saboota biyyattii wajjin sagaagalan; saboonni kunneenis warra Waaqni fuula isaanii duraa balleessee dha. 26 Kanaafuu Waaqni Israaʼel hafuura Fohaa mooticha Asoor jechuunis hafuura Phuuli kakaasee akka inni gosoota Ruubeen, kan Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee boojiʼu godhe. Innis warra kanneen gara Halaa, Haaboor, Haaraatii fi gara qarqara laga Goozaaniitti geesse; isaanis hamma harʼaatti achuma jiraatan.
<- 1 Seenaa 41 Seenaa 6 ->