1 Kanaafuu hammina hunda, gowwoomsaa hunda, itti fakkeessummaa, weennoo fi maqaa nama balleessuu hunda of irraa fageessaa. 2 Akka ittiin fayyina keessaniin guddattaniifis akkuma daaʼimman reefuu dhalataniitti aannan hafuuraa qulqullaaʼaa sana jabeessaa dharraʼaa; 3 isin gaarummaa Gooftaa dhandhamattaniirtuutii.
4 Isin erga gara isaa, gara Dhagaa jiraataa namoonni tuffatanii Waaqni garuu filate gati jabeessa sanaa dhuftanii, 5 isinis akkuma aarsaa hafuuraa kan karaa Yesuus Kiristoosiin Waaqa biratti fudhatamaa taʼe dhiʼeessuudhaan luboota qulqullaaʼoo taʼuuf akkuma dhagaawwan jiraatootti mana hafuuraa taatanii ijaaramaa jirtu. 6 Katabbiin Qulqulluun,
9 Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu. 10 Isin dur saba Waaqaa hin turre; amma garuu saba Waaqaa ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.
11 Yaa michoota jaallatamoo, isin waan addunyaa keessatti alagootaa fi keessummoota taataniif akka hawwii foonii kan lubbuu keessan lolu irraa fagaattan ani isinin gorsa. 12 Akka ormoonni akka waan isin hammina hojjetaniitti maqaa isin balleessan sun, hojii keessan isa gaarii arganii guyyaa Waaqni nu ilaaluu dhufutti ulfina isaaf kennaniif isaan gidduutti amala gaarii qabaadhaa.
13 Gooftaadhaaf jedhaatii taayitaa namaa hunda jalatti bulaa; mootii taayitaa ol aanaa qabu 14 yookaan bulchitoota inni akka isaan namoota balleessaa hojjetan adabanii warra waan qajeelaa hojjetan immoo galateeffataniif erge hundumaa jalattis bulaa. 15 Waaqni akka isin waan gaarii hojjechuudhaan haasaa wallaalummaa namoota gowwaa afaan qabachiiftan fedhaatii. 16 Akka warra bilisummaa qabaniitti jiraadhaa; bilisummaa keessan immoo hammina dhoksuuf itti hin fayyadaminaa; garuu akka tajaajiltoota Waaqaatti jiraadhaa. 17 Nama hunda kabajaa; obbolummaa amantootaa jaalladhaa; Waaqa sodaadhaa; mootiifis ulfina kennaa.
18 Yaa garboota, isinis gooftota keessan warra gaarii fi toloota qofa utuu hin taʼin warra jalʼootas sodaa hundaan jalatti bulaa. 19 Namni tokko yoo Waaqaaf jedhee dhiphina dabaan isatti dhufe obse galata qaba. 20 Isin yoo sababii balleessaa hojjettaniif dhaanamtanii obsitan galata maalii argattu? Garuu yoo sababii waan qajeelaa hojjettaniif dhiphattanii obsitan kun fuula Waaqaa duratti galata qaba.
21 Wanni isin waamamtaniifis kanuma. Kiristoos akka isin faana isaa duukaa buutaniif jedhee isiniif dhiphachuudhaan fakkeenya isinii kenneeraatii.