1 Sababii
5 Ajajjoonni loltootaa immoo loltootaan akkana haa jedhan: “Namni mana haaraa ijaaree hin eebbisiisin tokko iyyuu jiraa? Inni gara mana isaatti haa deebiʼu; yoo kanaa achii inni waraana irratti duʼee namni biraa mana isaa eebbisa. 6 Namni wayinii dhaabee irraa hin nyaatin jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola keessatti duʼee namni biraa wayinii sana nyaata. 7 Namni niitii fuudhuuf kadhatee utuu hin fuudhin dhufe jiraa? Inni gara mana isaa haa deemu; yoo kanaa achii inni lola irratti duʼee namni biraa ishee fuudha.” 8 Ajajjoonni loltootaa ammas, “Namni sodaatu yookaan kan garaan isaa raafamu jiraa? Akka garaan obboloota isaas hin raafamneef inni gara mana isaatti haa deebiʼu” haa jedhan. 9 Ajajjoonni yommuu loltootatti dubbatanii raawwatanitti loltoota irratti ajajjoota haa muudan.
10 Ati yommuu magaalaa tokko dhaʼuuf baatutti, duraan dursii namoota magaalaa sana keessa jiraataniif waamicha nagaa godhi. 11 Yoo isaan tole jedhanii balbala siif banan, namni hundi siif haa bulu; hojjetaa kees haa taʼu. 12 Yoo isaan waamicha nagaa fudhachuu didanii waraanaaf sitti baʼan ati magaalattii marsi. 13 Yommuu
16 Taʼus magaalaawwan saboota
19 Ati yommuu yeroo dheeraadhaaf magaalaa sana marsitee qabachuudhaaf ishee waraantutti, mukkeen ishee qottoodhaan cirtee hin balleessin; ati midhaan isaanii nyaachuu dandeessaatii isaan hin cirin. Ati kan isaan marsitu mukkeen bosonaa namoota taʼaniitii? 20 Garuu hamma magaalaan si wajjin wal loltu sun kuftutti mukkeen akka isaan gumaa hin naqanne beektu murtee hojii ijaarsa marsuutiif itti fayyadamuu ni dandeessa.
<- Keessa Deebii 19Keessa Deebii 21 ->