5 Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
6 Ati dhagaa daakuutii fi majii isaa yookaan majii isaa qofa illee taanaan akka qabdiitti hin fudhatin; kun lubbuu namaa qabdii godhanii fudhachuu taʼaatii.
7 Namni tokko yoo obboleessa isaa kan gosa Israaʼel tokko hatee garbicha godhate yookaan gurgurate inni ajjeefamuu qaba. Ati waan hamaa gidduu keetii baasi.
8 Waaʼee nama lamxaaʼee garuu akkuma Lewwonni luboota taʼan qajeelcha siif kennan sanatti hojjechuu kee qalbeeffadhu. Ati waan ani isaan ajaje of eeggannaadhaan duukaa buʼuu qabda. 9 Waan
10 Yommuu ollaa keetiif liqii gosa kamii iyyuu kennitutti waan inni akka qabdiitti siif kennu fudhachuudhaaf mana isaa hin seenin. 11 Ati ala turiitii namichi ati waa liqeessituuf sun qabdii siif kennu sana siif haa fidu. 12 Yoo namni sun hiyyeessa taʼe qabdii isaa of bira hin bulchin. 13 Akka inni kootii isaa uffatee buluuf utuu aduun hin dhiʼin deebisiif. Innis si eebbisa; wanni kun immoo fuula
14 Obboleessa kee nama gosa Israaʼel yookaan alagaa magaalaawwan kee tokko keessa jiraatu illee taanaan hiyyeessa yookaan rakkataa qaxarame tokko hin saamin. 15 Gatii inni ittiin hojjete gaafuma sana utuu aduun hin lixin kenniif; waan hiyyeessa taʼeef inni abdiidhaan eegataatii. Yoo kanaa achii inni
16 Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.
17 Ati murtii alagaa yookaan ijoollee abbaa hin qabnee hin jalʼisin yookaan uffata haadha hiyyeessaa qabdii hin fudhatin. 18 Ati akka biyya Gibxitti garbicha turtee fi akka
19 Yommuu midhaan lafa qotiisaa keetii walitti qabdutti yoo bissiin hafe jiraate isaaf jettee duubatti hin deebiʼin; akka