1 Ergasii Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 2 “Akka isaan of irra garagalanii Phii Hahiiroti bira, Migdoolii fi galaana gidduu qubatan Israaʼelootatti himi. Isaan fuullee Baʼaal Zefoon, galaana cina qubachuu qabu. 3 Faraʼoonis, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii biyya keessa jooraa jiru; gammoojjiin isaan marseera’ jedhee yaade. 4 Anis garaa Faraʼoon nan jabeessa; inni faana dhaʼee isaan duukaa buʼa. Anis karaa Faraʼooniitii fi karaa loltoota isaa hundaatiin ofii kootiif ulfina nan argadha; warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.” Israaʼeloonnis akkasuma godhan.
5 Mootiin Gibxi akka sabni sun baqatee baʼe yommuu itti himametti Faraʼoonii fi qondaaltonni isaa yaada waaʼee saba sanaa qaban geeddarratanii, “Akka sabni Israaʼel nu tajaajiluu dhiisee deemuuf gad dhiisuun keenya maal gochuu keenya?” jedhan. 6 Innis gaarii isaa qopheeffatee, loltoota isaas fudhatee kaʼe. 7 Gaariiwwan filatamoo dhibba jaʼa, gaariiwwan Gibxi biraa hunda kanneen ajajjuuwwan isaan hunda irra jiran fudhatee kaʼe. 8Waaqayyos Faraʼoon mooticha Gibxi mata jabeessa godhe; Faraʼoonis Israaʼeloota warra sodaa malee baʼaa turan sana duukaa buʼee ariʼe. 9 Warri Gibxis fardeenii fi gaariiwwan Faraʼoon hundi, abbootiin fardaatii fi loltoonni lafoon Israaʼeloota duukaa buʼanii isaanii Phii Hahiiroti bira fuullee Baʼaal Zefoon qarqara galaanaa qubatanii jiran qaqqaban.
10 Yeroo Faraʼoon itti dhiʼaatettis Israaʼeloonni ol ilaalanii kunoo warri Gibxi dugda duubaan isaan faana dhufan argan. Isaanis sodaatanii Waaqayyotti iyyatan. 11 Isaanis Museedhaan akkana jedhan; “Ati waan iddoon awwaalaa Gibxi hin jirreef akka nu gammoojjii keessatti dhumnuuf as nu fiddee? Ati Gibxi nu baasuun kee maal nu gochuu kee ti? 12 Nu Gibxi keessatti, ‘Akka warra Gibxi tajaajilluuf nu dhiisi’ siin hin jennee? Gammoojjii keessatti dhumuu irra warra Gibxi tajaajiluu nuu wayya ture!”
13 Museen akkana jedhee saba sanaaf deebise; “Hin sodaatinaa; jabaadhaa dhaabadhaa! Fayyisuu Waaqayyoo kan inni harʼa isinii godhu ilaalaa! Warra Gibxi kan harʼa argitan kana lammata deebitanii hin argitan. 14Waaqayyo isiniif lola; isin gab jedhaa.”
15Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati maaliif natti iyyita? Akka isaan adeemsa isaanii itti fufaniif Israaʼelootatti himi. 16 Ulee kee ol fuudhiitii harka kee galaana irra diriirfadhu; akka Israaʼeloonni lafa gogaa irra galaana gidduu darbaniif bishaan gargari qoodi. 17 Ani immoo akka isaan dugda isaanii duubaan seenaniif garaa warra Gibxi nan jabeessa. Anis Faraʼoonii fi loltoota isaa hunda irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina nan argadha. 18 Yeroo ani Faraʼoon irratti, gaariiwwan isaatii fi abbootii fardaa isaa irratti ulfina argadhutti warri Gibxi akka ani Waaqayyo taʼe ni beeku.”
19 Yommus ergamaan Waaqayyoo kan saba Israaʼel dura deemaa ture sun kaʼee gara dugda isaanii duubaatti darbe. Utubaan duumessaa sunis fuula isaanii duraa kaʼee isaan duuba dhaabate; 20 utubaan sunis loltoota Gibxii fi loltoota Israaʼel gidduu seene. Duumessi sun halkan sana gama tokkotti dukkana, gama kaanitti immoo ifa fide; kanaafuu halkan sana guutuu garee lamaan keessaa tokko illee garee kaanitti hin dhiʼaanne.