1 Beela isa bara Abrahaam biyyichatti buʼe sana malee beelli biraa tokko ammas biyya sanatti buʼe; Yisihaaqis gara Geraaraa gara Abiimelek mooticha Filisxeem dhaqe. 2
7 Innis yommuu namoonni biyya sanaa waaʼee niitii isaa isa gaafatanitti waan Ribqaan bareedduu taateef, “Namoonni naannoo kanaa sababii isheetiif na ajjeesu taʼa” jedhee yaaduudhaan, “Isheen niitii koo ti” jechuu sodaatee, “Isheen obboleettii koo ti” jedhe.
8 Erga Yisihaaq yeroo dheeraa achi jiraatee booddee, Abiimelek mootichi Filisxeemii foddaa keessaan gad ilaale; utuu Yisihaaq niitii isaa Ribqaa hooqsuu arge. 9 Abiimelekis Yisihaaqin ofitti waamee, “Isheen dhugumaan niitii kee ti! Yoos ati maaliif, ‘Isheen obboleettii koo ti’ jette ree?” jedheen.
10 Abiimelek immoo, “Wanni ati nutti hojjette kun maali? Utuu namoota kanneen keessaa tokko niitii kee wajjin ciisee jiraatee silaa ati yakka nutti fiddee turte” jedheen.
11 Kana irratti Abiimelek, “Namni namicha kana yookaan niitii isaa tuqu kam iyyuu dhugumaan ajjeefamuu qaba” jedhee nama hundaaf ajaja kenne.
12 Yisihaaqis biyya sanatti midhaan facaafatee waan
16 Abiimelekis Yisihaaqiin, “Ati baayʼee nu caalaa jabaatteertaatii nurraa deemi” jedhe.
17 Yisihaaq achii kaʼee sulula Geraaraa keessa qubatee achi jiraate. 18 Yisihaaqis boollawwan bishaanii bara abbaa isaa bara Abrahaam keessa qotaman kanneen Filisxeemonni erga Abrahaam duʼee booddee duuchan sana deebisee bane; innis maquma abbaan isaa kenneefii ture sanaan isaan waame.
19 Tajaajiltoonni Yisihaaq sulula sana keessatti lafa qotanii boolla bishaan burquu argatan. 20 Tiksoonni Geraaraa, “Bishaan kun kan keenya!” jedhanii tiksoota Yisihaaq wajjin wal lolan. Kanaafuu inni sababii wal falmaniif boolla bishaanii sana, “Eeseeq” jedhee moggaase. 21 Ergasiis boolla bishaanii biraa qotan; isaan garuu boolla bishaanii sana irrattis wal lolan; kana irratti Yisihaaq boolla bishaanii sana “Sixinaa” jedhee moggaase. 22 Innis achii kaʼee iddoo biraa dhaqee boolla bishaanii biraa achitti qote; namni tokko iyyuu isa irratti wal hin lolle. Innis, “
23 Innis achii kaʼee gara Bersheebaatti ol baʼe. 24
25 Yisihaaq achitti iddoo aarsaa ijaaree maqaa
26 Ergasiis Abiimelek gorsaa isaa Ahuzaatii fi ajajaa loltoota isaa Fiikool wajjin Geraaraadhaa kaʼee gara Yisihaaq dhufe. 27 Yisihaaq immoo, “Isin erga na jibbitanii of biraa na ariitanii maaliif gara koo dhuftan?” isaaniin jedhe.
28 Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Nu akka
30 Yisihaaqis nyaata isaaniif qopheesse; isaanis ni nyaatan; ni dhuganis. 31 Namoonni sun guyyaa itti aanu ganama barraaqa kaʼanii walii kakatan. Yisihaaqis isaan geggeesse; jarris nagumaan isa biraa deeman.
32 Guyyuma sana hojjettoonni Yisihaaq dhufanii waaʼee boolla bishaanii qotan sanaa isaatti himan. Isaanis, “Nu bishaan arganneerra!” jedhan. 33 Innis boolla bishaanii sana, “Shibeʼaa” jedhee moggaase. Hamma harʼaatti maqaan magaalaa sanaa Bersheebaa jedhama.
34 Esaawu yeroo umuriin isaa waggaa afurtama guuteetti Yoodiiti intala Biʼeer namicha gosa Heeti akkasumas Baasmati intala Eeloon namicha gosa Heeti fuudhe. 35 Isaanis Yisihaaqii fi Ribqaa gaddisiisan.
<- Uumama 25Uumama 27 ->