2 Kanaafuu ani meetii saqilii kudha shaniin, garbuu hoomeerii tokkoo fi walakkaatiin ishee nan bitadhe. 3 Ani ergasii akkana nan jedheen; “Ati bara hedduu na wajjin jiraachuu qabda; ati sagaagaltuu taʼuu yookaan nama kam iyyuu wajjin tokko taʼuu hin qabdu; ani si wajjin nan jiraadha.”
4 Israaʼeloonni mootii yookaan ilma mootii malee, aarsaa yookaan utubaa waaqeffannaa malee dirata yookaan waaqota tolfamoo malee bara baayʼee ni jiraatuutii. 5 Ergasii immoo Israaʼeloonni deebiʼanii Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii barbaadu. Isaan bara dhumaa keessa hollachaa gara Waaqayyootii fi gara eebba isaa ni dhufu.