Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.][a]
Yesuus ifa addunyaa ti
12 Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
14 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.15Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.16Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.17Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.18Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan.
Yesuus immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe. 20 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
21 Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
22 Yihuudoonnis, “ ‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.24Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
25 Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.26Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne. 28 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.29Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.43Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.44Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.45Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!46Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?47Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
Yesuus Waaʼee Ofii Isaa Dubbate
48 Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
49 Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.50Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.51Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.”
52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. 53 Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
54 Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.55Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.56Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”