1 Guyyaa biraas ergamoonni Waaqayyoo fuula
3
4 Seexannis deebisee akkana jedhe; “Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna. 5 Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara.”
6
7 Kanaafuu Seexanni fuula
9 Niitiin isaa, “Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Waaqa abaariitii duʼi!” isaan jette.
10 Inni immoo deebisee, “Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Waaqaatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?” jedhe.
11 Michoonni Iyyoob sadan jechuunis Eliifaaz namni Teemaan, Bildaad namni Shuhaatii fi Zoofaari namni Naaʼimaataa yommuu waan Iyyoob irra gaʼe hunda dhagaʼanitti rakkina isaa qoodachuu fi isa jajjabeessuudhaaf tokkummaan walii galanii mana isaaniitii baʼan. 12 Yommuu fagootti isa arganitti isa beekuu hin dandeenye; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼan; uffata isaaniis tarsaasanii mataa isaaniitti daaraa firfirfatan. 13 Ergasiis guyyaa torbaa fi halkan torba isa wajjin lafa tataaʼan. Isaan sababii dhiphinni isaa akka malee cimaa taʼuu isaa arganiif, namni tokko iyyuu homaa isatti hin dubbanne.
<- Iyyoob 1Iyyoob 3 ->