1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge; 2 akkanas isaaniin jedhe;
4 Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis, 5 namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan. 6 Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan. 7 Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe. 8 Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan. 9 Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan;
11 Yesuusis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe.
12 Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe. 13 Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne. 14 Yesuusis muka sanaan,
15 Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. 16 Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne. 17 Innis akkana jedhee isaan barsiise;
18 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan kana dhagaʼanii karaa ittiin isa ajjeesan barbaaduu jalqaban; isaan sababii namoonni hundinuu barsiisa isaa dinqisiifataniif isa sodaatanii turaniitii.
19 Isaanis yommuu galgalaaʼetti magaalaa sana keessaa baʼan.
20 Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan. 21 Phexrosis yaadatee Yesuusiin, “Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!” jedhe.
22 Yesuus immoo akkana jedhee deebise;
27 Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan. 28 Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin.
29 Yesuusis akkana jedhee deebise;
31 Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata; 32 Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan.
33 Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan.