10 Museen utuu namoonni maatii hundaa balbala dunkaana ofii isaa duratti booʼanuu dhagaʼe. Waaqayyos akka malee aare; Museen immoo ni dhiphate. 11 Innis akkana jedhee Waaqayyoon gaafate; “Ati maaliif dhiphina kana garbicha keetti fidde? Ati kan baʼaa saba kanaa hunda narra keesse ani maal balleessee si gaddisiiseeti? 12 Saba kana hunda anatu ulfaaʼee? Anatu isaan daʼee? Ati maaliif akka ani akkuma guddiftuun daaʼima baattutti gara biyya ati abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galteetti irree kootti baadhee isaan geessuudhaaf na ajajja? 13 Ani saba kana hundaaf foon eessaan argadha? Isaan, ‘Foon nyaannu nuu kenni!’ jedhanii natti booʼu. 14 Ani kophaa koo saba kana hunda baachuu hin dandaʼu; baʼaan kun akka malee natti ulfaata. 15 Ati yoo akkana na goota taʼe, yoo ani fuula kee duratti fudhatama argadhee jiraadhe, maaloo ammuma na ajjeesi; akka ani gidiraa natti dhufu argus na hin godhin.”
16Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Maanguddoota Israaʼel keessaa nama torbaatama kanneen hooggantootaa fi qondaaltota sabaa taʼuu isaanii beektu naa fidi. Akka isaan gara dunkaana wal gaʼii dhufanii si wajjin achi dhadhaabatan godhi. 17 Ani gad buʼee achitti si wajjin nan dubbadha; Hafuura sirra jiru irraas fuudhee isaan irra nan kaaʼa; isaanis akka ati kophaa kee baʼaa sana hin baanneef baʼaa saba sanaa si wajjin baatu.
18 “Saba kanaan akkana jedhi: ‘Isin bori foon nyaattuutii of qulqulleessaa qophaaʼaa. Waaqayyo yeroo isin, “Nu utuu foonuma nyaannu argannee! Yeroo nu biyya Gibxi keessa jirru nuu wayya ture!” jettanii boossan dhagaʼeeraatii. Waaqayyo amma foon isinii kenna; isinis ni nyaattu. 19 Isin hamma guyyaa tokkoo, yookaan lamaa, yookaan shanii, kudhanii, yookaan digdamaa qofa hin nyaattan; 20 garuu jiʼa tokko guutuu hamma funyaaniin isin baʼutti, hamma nuffitanittis nyaattu; isin Waaqayyo gidduu keessan jiru sana diddanii, “Nu maaliif biyya Gibxi keessaa baane?” jettanii fuula isaa duratti boossanii turtaniitii.’ ”
23Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Harki Waaqayyoo gabaabaadhaa? Ati akka wanni ani siin jedhu siif guutamuu fi akka siif hin guutamne amma ni argita.”
24 Museen dhaqee waan Waaqayyo jedhe sana sabatti hime. Innis saba sana keessaa maanguddoota torbaatama walitti qabee akka isaan naannoo dunkaanaa dhadhaabatan godhe. 25 Ergasiis Waaqayyo duumessaan gad buʼee isatti dubbate; Hafuura isa irra jirus fuudhee maanguddoota torbaatamman sana irra buuse. Isaanis yeroo Hafuurri sun isaan irra boqotetti raajii dubbatan; ergasii immoo deebiʼanii raajii sana hin dubbanne.
26 Taʼu illee namoonni lama kanneen maqaan isaanii Eldaadii fi Meedaad jedhaman qubata keessatti hafanii turan. Isaanis maanguddoota sana keessatti galmeeffamanii turan malee gad baʼanii gara dunkaanaa hin dhaqne ture. Hafuurri immoo isaan irra illee buʼe; isaanis qubata keessatti raajii dubbatan. 27 Dargaggeessi tokko fiigee dhaqee, “Eldaadii fi Meedaad raajii dubbachuutti jiru” jedhee Museetti hime.