1 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; amma illee korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naa qopheessi” jedhe. 2 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedhe sana godhe; isaan lamaan tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irratti korma looniitii fi korbeessa hoolaa tokko tokko aarsaa dhiʼeessan.
3 Ergasii Balaʼaam Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani xinnoo achi sirraa nan siqa; ati immoo asuma aarsaa kee bira turi. Tarii
4 Waaqayyo isaan wal arginaan Balaʼaam, “Ani iddoo aarsaa torba qopheessee tokkoo tokkoo isaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko qopheesseera” jedhe.
5
6 Balaʼaam Baalaaqitti deebiʼee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. 7 Balaʼaam ergaa isaa akkana jedhee dubbate:
11 Baalaaqis Balaʼaamiin, “Wanni ati na goote kun maali? Ani akka ati diina koo naa abaartuufin si fide; ati kunoo isaan eebbifte malee waan tokko iyyuu isaan hin goone!” jedhe.
12 Innis, “Ani waan
13 Baalaaq, “Mee gara lafa itti isaan arguu dandeessu biraa na wajjin kottu; ati gara tokko qofa malee hunduma isaanii arguu hin dandeessu. Achiis isaan naa abaari” jedheen. 14 Inni gara dirree Xoofiim kan fiixee Phisgaa irratti argamuutti isa geesse; achittis iddoo aarsaa torba ijaaree tokkoo tokkoo iddoo aarsaa sanaa irratti korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
15 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Ati hamma ani achi siqee Waaqa wajjin wal argutti asuma aarsaa kee bira turi” jedhe.
16
17 Balaʼaam Baalaaq bira dhaqee isaa qondaaltota Moʼaab wajjin aarsaa isaa bira dhaabatu arge. Baalaaqis, “
18 Balaʼaam akkana jedhee ergaa isaa dubbate:
25 Baalaaq Balaʼaamiin, “Ati gonkumaa isaan hin abaarin yookaan isaan hin eebbisin” jedhe.
26 Balaʼaamis, “Ani akka waan
27 Ergasii Baalaaq Balaʼaamiin, “Mee kottu amma illee ani iddoo biraa sin geessaa. Tarii achii jara naaf abaaruun kee Waaqa gammachiisa taʼaatii” jedhe. 28 Baalaaqis Balaʼaamin fiixee tulluu Pheʼoor kan irra dhaabatanii gammoojjii sana gad ilaalanitti ol baase.
29 Balaʼaamis Baalaaqiin, “Iddoo aarsaa torba asitti naaf ijaari; ammas korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba naaf qopheessi” jedhe. 30 Baalaaqis akkuma Balaʼaam jedheen sana godhe; tokkoo tokkoo iddoo aarsaa irrattis korma loonii tokkoo fi korbeessa hoolaa tokko aarsaa dhiʼeesse.
<- Lakkoobsa 22Lakkoobsa 24 ->