Kadhannaa Yeroo Balaa
Faarfannaa 25
Faarfannaa Daawit.
1 Yaa Waaqayyo , ani lubbuu koo gara keetti
ol nan qaba.
2 Yaa Waaqa koo ani sin amanadha.
Ati na hin qaanessin;
akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
3 Namni si eeggatu tokko iyyuu
yoom iyyuu hin qaaneffamu;
warri sababii malee yakka hojjetan
garuu ni qaaneffamu.
4 Yaa Waaqayyo , karaa kee na argisiisi;
daandii kees na barsiisi;
5 ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef,
dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi;
anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
6 Yaa Waaqayyo , araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;
isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
7 Cubbuu afaan kootii
yookaan dogoggora koo hin yaadatin;
yaa Waaqayyo , gaarummaa keetiif jedhiitii
akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
8 Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas;
kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa;
karaa isaas isaan barsiisa.
10 Karaan Waaqayyoo hundinuu
warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
11 Yaa Waaqayyo , cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu
maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
12 Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu?
Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti;
sanyiin isaas lafa dhaala.
14 Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu;
kakuu isaa illee isaan beeksisa.
15 Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala;
inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi;
ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera;
dhiphina koo keessaas na baasi.
18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali;
cubbuu koo hunda naa dhiisi.
19 Akka diinonni koo baayʼatan,
hammam akka cimsanii na jibban argi!
20 Lubbuu koo eegi; na oolchis;
sababii ani kooluu sitti galeef,
akka ani qaanaʼu na hin godhin.
21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi
qajeelummaan ana haa eegan.
22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa