Faarfannaa Gooftaa Bubbeetiif Dhiʼaate
Faarfannaa 29
Faarfannaa Daawit.
1 Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa;
ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
2 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;
iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
3 Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira;
Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa;
4 Sagaleen Waaqayyoo humna qaba;
sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
5 Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa;
6 Inni Libaanoonin akka jabbiitti,
Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
7 Sagaleen Waaqayyoo
balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
8 Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa;
9 Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira;
bosonas qullaatti hambisa.
Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
10 Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;
11 Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna;