Languages
Waaqayyotti Abbaa Murtii Qajeelaatti Iyyachuu
Faarfannaa 54
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame.
1 Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi;
humna keetiinis naa murteessi.
2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi,
dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
 
3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii;
warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu;
Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
 
4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti;
Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
 
5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu;
atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
 
6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa;
yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha;
inni gaariidhaatii.
7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii;
iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.

<- Faarfannaa 53Faarfannaa 55 ->